Binturoong

  • 7 years ago
Binturong bineensota akka Mongoose, Fossa, xirinyii fi Genets jedhamiin waliin walitti dhiheenya qaba. Uumamni kun maqaa Bearcat jedhamuunis ni beekama. Eddooon qubsuma isaatis Ardii Eeshiyaa keessa yoo ta’u, harraan tana garuu sababa adda addaatin lakkoofsi isaa xiqqaachaa akka jiru himama. Uumamni kun warra soorata gosa lachuu sooratu keessatti ramadama. Mee waahee bineensa kanaa qabxiilee muraasa haa ilaallu.
Ijaarsa qaama isaa irraa haa jalqabnu. Binturong bineensa qaama jiddu galeessaa qabuudha. Qoffee isaa irraa kaasee haga eegee isaatti meetira tokkoo ol dheeratuu danda’a. dhalaan ammoo ulfaatinaanis ta’e, dheerinna qaamaatiin dhiiraa ni caalti. Avreejiidhaan, dhalaan takka parsantiin 20n dhiira caalti. Kan jechuun dhiirri meetira tokko yoo ta’e, dhalaan ammoo meetira 1 fi seentimeetira 20 taati jechuudha. Uumamni kun gogaa isaa irraa rifeensa dheeraa fi jabaataa qaba. Halluun rifeensa isaa ammoo gurraacha, Magaala gara gurraachaa dabuu fi daalacha gara gurraachaa dabutu jira. Rifeensa biroo kan akka areedaa gurra isaa irraa kaasee gara qoffee isaa gad deemu qaba. Hanfarroon isaa ammoo daran dheeraadha. Rifeensa qaama isaa irra jiru hunda caala dheeratee mul’ata. Eegeen sanyii Binturong tokko tokko kan ajaa’ibaati. Eegeen isaa kun akka miila shanaffaatti isa tajaajila. Muka tokkorraa gara muka biraa deemuu yoo barbaade, akkasumas mukarraa gad rarra’uu yoo barbaade, eegee isaa kana muka irratti mara.